Zabuuriiwwan125
Zabuurii ol baʼuu.
1Warri Rabbii Allaah amanatan akka Tulluu Xiyoonkan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti.2Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana,Rabbii Allaahan ammaa jalqabee hamma bara baraatti,saba isaa ni marsa.3Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuufharka isaanii ol hin diriirfanneef,bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaafixaadhaan qoodame irra hin jiraatu.4Rabbii Allaah, warra gaariif,warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi.5Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu,Rabbii Allaahan akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa.Nagaan Israaʼeliif haa taʼu.Biblica, Inc.