Zabuuriiwwan124

Zabuurii ol baʼuu. Zabuurii Daawud.

1Israaʼel akkana haa jedhu:Utuu Rabbii Allaahan garee keenya taʼuu baatee,2utuu Rabbii Allaahan garee keenya taʼuu baatee,yommuu namoonni nutti kaʼanitti,3yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti,silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;4lolaan nu liqimseedhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;5bishaan hamaannu fudhatee bada ture.
6Rabbii Allaahan akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuufdabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.7Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu,nu isaan jalaa baaneerra;kiyyoon ni ciccite;nus jalaa baane.8Gargaarsi keenya maqaa Rabbii Allaaha,Uumaa shamaayʼunii fi lafa sanaa ti.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3