Zabuuriiwwan126

Zabuurii ol baʼuu.

1Yeroo Rabbii Allaahan warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti,nu akka warra abjuu abjootanii taane.2Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoofaarfannaa gammachuutiin guutame.Kana irratti saboota gidduutti,“Rabbii Allaahan waan guddaa isaaniif godheera” jedhame.
3Rabbii Allaahan waan guddaa nuuf godhe;nus ni gammanne.
4Rabbii Allaah, akkuma lagoota Negeeb,boojuu keenya nuu deebisi.5Warri imimmaaniin facaasan,faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.6Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu,bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3