Zabuuriiwwan29
Zabuurii Daawud.
1Isin jajjabeeyyiin, Rabbii Allaahaf fidaa;ulfinaa fi jabina Rabbii Allaahaf fidaa.2Ulfina maqaa isaatiif malu Rabbii Allaahaf kennaa;iddoo qulqullummaa isaatti Rabbii Allaah waaqeffadhaa.3Sagaleen Rabbii Allaah bishaanota irra jira;Allaahan ulfinaa ni qaqawweessaʼa;Rabbii Allaahan bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.4Sagaleen Rabbii Allaah humna qaba;sagaleen Rabbii Allaah surra qabeessa.5Sagaleen Rabbii Allaah birbirsa ni cabsa;Rabbii Allaahan birbirsa Libaanoon ni caccabsa.6Inni Libaanoonin akka jabbiitti,Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.7Sagaleen Rabbii Allaahbalaqqeessa bakakkaatiin rukuta.8Sagaleen Rabbii Allaah gammoojjii sochoosa;Rabbii Allaahan Gammoojjii Qaadesh sochoosa.9Sagaleen Rabbii Allaah qilxuu micciira;bosonas qullaatti hambisa.Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya.10Rabbii Allaahan lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa;Rabbii Allaahan Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa.11Rabbii Allaahan saba isaatiif jabina kenna;Rabbii Allaahan saba isaa nagaadhaan eebbisa.Biblica, Inc.