Zabuuriiwwan28

Zabuurii Daawud.

1Rabbii Allaah, Kattaa ko, ani sin waammadha;ati na jalaa hin didin.Yoo ati na jalaa didde,ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.2Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhee harka koo illeegara Iddoo Qulqullummaa keekan Waan Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼesanaatti ol kaafadhu, sagalee duʼaa koo naa dhagaʼi.
3Namoota hamoo warra jalʼina hojjetan wajjin,warra garaa isaaniitti hammina qabataniiolloota isaanii wajjin garuunagaa dubbatan wajjin na hin balleessin.4Akka hojii isaaniitti,akkuma hojii isaanii hamaa sanaattis deebisiif;akkuma hojii harka isaaniitti kenniif;gatii isaaniif malu isaanumatti deebisi.
5Sababii isaan hojii Rabbii Allaaha,yookaan waan harki isaa hojjete hin kabajneefinni isaan diiga;deebisees isaan hin ijaaru.
6Rabbii Allaahan haa eebbifamu!Inni iyya duʼaa kootii naa dhagaʼeeraatii.7Rabbii Allaahan jabina koo fi gaachana koo ti;garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera.Garaan koo baayʼee gammada;anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.
8Rabbii Allaahan jabina saba isaa ti;dibamaa isaatiifis daʼoo fayyinaa ti.9Saba kee fayyisi; dhaala kees eebbisi;tiksee isaanii taʼii bara baraan isaan baadhu.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3