Zabuuriiwwan30

Zabuurii eebba mana qulqullummaatiif Faarfatame. Zabuurii Daawud.

1Rabbii Allaah, sababii ati ol na fuuteeakka diinonni koo natti hin gammanne gooteef,ani sin jajadha.2Yaa Rabbii Allaah ko,ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte.3Rabbii Allaah, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte;akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte.
4Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Rabbii Allaah jajadhaa;maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.5Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;booʼichi galgala tokko qofaaf tura;ganama garuu ililleetu taʼa.
6Anis yommuun nagaa argadhetti,“Ani gonkumaa hin raafamu” nan jedhe.7Rabbii Allaah, ati jaalala keetiinakka tulluu jabaatti na dhaabde;yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuunaasuutu na qabate.
8Rabbii Allaah, ani sin waammadha;ani gara Gooftaatti akkana jedhee araaraaf nan iyyadha:9“Duʼuu koo keessaa, boolla buʼuu koo keessaasfaayidaa maaliitu argama?Biyyoon si galateeffataa?Amanamummaa kees ni odeessaa?10Rabbii Allaah na dhagaʼi; na maaris;Rabbii Allaah, gargaarsa naa taʼi.”
11Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte;wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;12kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha.Yaa Rabbii Allaah ko, ani bara baraan sin galateeffadha.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3