Zabuuriiwwan99

1Rabbii Allaahan moʼeera;saboonni haa hollatan;inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa;lafti haa raafamtu.2Rabbii Allaahan Xiyoon keessatti guddaa dha;inni saboota hunda irra ol ol jedheera.3Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan;inni qulqulluu dha.
4Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata;ati tola hundeessiteerta;Yaaʼikuub keessattis haqaa fiqajeelummaa hojjetteerta.5Rabbii Allaah keenya leellisaa;ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa;inni qulqulluu dha.
6Muusaa fi Haaruun luboota isaa keessa turan;Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture;isaan Rabbii Allaah waammatan;innis deebii kenneef.7Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate;isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan.
8Yaa Rabbii Allaah keenya,ati deebii isaanii kennite;ati balleessaa isaanii adabdu illee,Israaʼeliif Allaah dhiifama gootu turte.9Allaah keenya Rabbii Allaah leellisaa;tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa;Rabbii Allaahan keenya Allaah qulqulluudhaatii.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3