Zabuuriiwwan98
Zabuurii.
1Rabbii Allaahaf faarfannaa haaraa faarfadhaa;inni dinqii hojjeteeratii;harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun,akka inni moʼannaa argatu godhaniiru.2Rabbii Allaahan akka fayyisuun isaa beekamu godheera;qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera.3Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaamana Israaʼeliif yaadateera;daariin lafaa hundinuu,fayyisuu Allaah keenyaa arganiiru.4Lafti hundinuu Rabbii Allaahaf ililchaa;faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa;5baganaadhaan faarfannaa galataa,baganaa fi sagalee weedduutiin Rabbii Allaahaf faarfadhaa;6malakataa fi sagalee gaanfaatiin,fuula Rabbii Allaah mootichaa duratti ililchaa.7Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu,addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan.8Lageen harka isaanii haa rurrukutan;tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan;9isaan fuula Rabbii Allaah duratti haa faarfatan;inni lafatti murteessuu ni dhufaatii.Inni addunyaaf qajeelummaadhaan,namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna.Biblica, Inc.