Zabuuriiwwan100

Zabuurii Galataa.

1Lafti hundinuu Rabbii Allaahaf ililchaa.2Gammachuudhaan Rabbii Allaah waaqeffadhaa;faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.3Akka Rabbii Allaah taʼe beekaa;isattu nu uume; nu kan isaa ti;nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.
4Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.5Rabbii Allaahan gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti;amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3