Zabuuriiwwan95
1Kottaa Rabbii Allaahaf faarfannaa;Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.2Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu;faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.3Rabbii Allaahan, Allaah guddaadhaatii;inni waaqeffatamtoota hundaa olitti Mootii guddaa dha.4Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru;fiixeewwan tulluus kan isaa ti.5Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii;lafa gogaa illee harka isaatu uume.6Kottaa gad jennee sagadnaa;Uumaa keenya Rabbii Allaah duratti ni jilbeenfannaa;7inni Allaah keenyaatii;nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha;bushaayee harka isaa keessa jiruudhas.Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,8akka Mariibaatti gootan sana,akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa;9abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu,achitti qoranii na ilaalan.10Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame;anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha;isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen.11Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin,“Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.
Biblica, Inc.