Zabuuriiwwan96
1Zabuurii haaraa Rabbii Allaahaf faarfadhaa;lafti hundinuu Rabbii Allaah faarfadhaa.2Rabbii Allaah faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa;fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.3Ulfina isaa saboota gidduutti,hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.4Rabbii Allaahan guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;inni waaqeffatamtoota hundaa olittis sodaatamuu qaba.5Waaqeffatamtoonni saboota ormaa hundinuu waaqeffatamtoota tolfamoodhaatii;Rabbii Allaahan garuu shamaayʼuniiwwan uume.6Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.7Yaa maatiiwwan sabootaa Rabbii Allaahaf kennaa;ulfinaa fi jabina Rabbii Allaahaf kennaa.8Ulfina maqaa isaatiif malu Rabbii Allaahaf kennaa;aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.9Bareedina qulqullummaa isaatiin Rabbii Allaah waaqeffadhaa;isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.10Saboota gidduutti, “Rabbii Allaahan mootii dha” jedhaa;addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna.11Shamaayʼuniiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu.12Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan.Mukkeen bosonaa hundinuus gammachuudhaan haa faarfatan.13Uumamni hundi fuula Rabbii Allaah duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii;inni lafatti murteessuuf ni dhufa.Addunyaatti qajeelummaadhaan,sabootatti immoo dhugaa isaatiin ni mura.
Biblica, Inc.