Zabuuriiwwan94

1Rabbii Allaah, Allaah haaloo baaftu,Yaa Allaah haaloo baaftu, ifii mulʼadhu.2Yaa Abbaa Murtii lafa kanaa kaʼi;of tuultotaaf illee waan isaanii malu kenni.3Rabbii Allaah, hamma yoomiitti warri hamoon,warri hamoon hamma yoomiitti burraaqu?
4Isaan dubbii of tuulummaa gad roobsu;jalʼoonni hundinuu of dhiibuudhaan guutaman.5Rabbii Allaah, isaan saba kee miidhu;handhuuraa kees ni hacuucu.6Haadha hiyyeessaatii fi keessummaa ni gorraʼu;ijoollee abbaa hin qabnes ni ajjeesu.7Isaan, “Rabbii Allaah hin argu;Allaahan Yaaʼikuub hin qalbeeffatu” jedhu.
8Warri saba keessaa raatoftan mee hubadhaa;isin warri gowwoonni yoom ogeeyyii taatu?9Inni gurra uume sun hin dhagaʼuu?Inni ija uume hin argu?10Inni saboota sirreessu sun hin adabuu?Inni nama barsiisu sun beekumsa hin qabuu?11Rabbii Allaahan yaada namaa beeka;akka yaadni namaa faayidaa hin qabnes ni beeka.
12Rabbii Allaah, namni ati adabdu,namni ati seera kee irraa barsiiftu eebbifamaa dha;13hamma hamootaaf boolli qotamutti,guyyaa rakkinaatti ati boqonnaa kennitaaf.14Rabbii Allaahan saba isaa hin gatuutii;inni akkana illee jedhee handhuuraa ofii isaa hin dhiisu.15Murtiin qajeelummaa irratti hundeeffama;toloonni hundinuus isa faana buʼu.
16Eenyutu hamootatti naa kaʼa?Eenyutu na cina dhaabatee warra jalʼina hojjetaniin morma?17Utuu Rabbii Allaahan na gargaaruu baatee,silaa yoona lubbuun koo boolla duʼaa keessa jirti.18Rabbii Allaah yeroo ani, “Miilli koo mucucaateera” jedhetti,araarri kee ol qabee na dhaabe.19Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti,jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.
20Bulchitoonni hamoon, warri seeratti fayyadamanii jalʼina hojjetansi wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼuu?21Isaan tokkummaadhaan nama qajeelaatti kaʼaniinama yakka hin qabnetti duʼa muru.22Rabbii Allaahan garuu daʼoo,Allaahan koos, kattaa ani itti baqadhu naa taʼeera.23Inni gatii cubbuu isaanii isaanumatti deebisa;sababii hammina isaaniitiif illee isaan balleessa;Rabbii Allaahan keenya isaan barbadeessa.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3