Zabuuriiwwan93
1Rabbii Allaahan ni moʼa; surraas ni uffata;Rabbii Allaahan surra ni uffata; jabinas hidhata.Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.2Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera;ati durii duriitii jalqabdee jirta.3Rabbii Allaah, galaanonni ol kaasaniiru;galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru;galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru.4Sagalee bishaan baayʼee caalaa,jabina dhaʼaa galaanaa caalaas,Rabbii Allaahan ol gubbaa jiru sun humna qabeessa.5Seerri kee jabaatee ni dhaabata;Rabbii Allaah, qulqullummaan bara baraanfaaya mana keetii ti.
Biblica, Inc.