Zabuuriiwwan92
Zabuurii Guyyaa Sanbataa Faarfatamu.
1Rabbii Allaah, galateeffachuun, yaa Allaah Waan Hundaa Olii,maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.2Jaalala kee ganamaan,amanamummaa kees halkaniin labsuun,3kiraara ribuu kudhaniitiin,sagalee baganaatiinis labsuun gaarii dha.4Rabbii Allaah, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii;ani sababii hojii harka keetiitiif gammachuudhaan nan faarfadha.5Rabbii Allaah, hojiin kee akkam guddaa dha;yaadni kees akkam gad fagoo dha!6Namni qalbii hin qabne waan kana beekuu hin dandaʼu;gowwaanis hin hubatu;7hamoonni yoo akkuma margaa biqilan iyyuu,jalʼoonni hundinuus yoo daraaran iyyuu,isaan bara baraan ni barbadaaʼu.8Rabbii Allaah, ati garuu bara baraan ol ol jetta.9Rabbii Allaah, kunoo diinota kee,kunoo diinonni kee ni badu;warri jalʼina hojjetan hundinuus ni bittinneeffamu.10Ati gaanfa koo akka gaanfa gafarsaa ol ol qabde;zayitii haaraa natti dhangalaafte.11Iji koo moʼatamuu diinota koo argeera;gurri koos badiisa jalʼoota natti kaʼanii dhagaʼeera.12Qajeeltonni akkuma muka meexxii ni dagaagu;akkuma birbirsa Libaanoonitti ni guddatu;13isaan mana Rabbii Allaah keessa dhaabamanii jiru;oobdii Allaah keenyaa keessattis itti tolee misanii jiran.14Isaan amma iyyuu bara dullumaa keessa ija naqatu;gabbataniis dagaaganii jiraatu.15Isaanis, “Rabbii Allaahan tolaa dha; inni Kattaa koo ti;hamminni isa keessa hin jiru” jedhanii labsu.Biblica, Inc.