Zabuuriiwwan47

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Ilmaan Qooraahi.

1Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa;sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Allaahaf ililchaa.2Rabbii Allaah Waan Hundaa Olii,Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii!3Inni saboota nu jala,namootas miilla keenya jala galcheera.4Innis nu warra Yaaʼikuub isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef,dhaala keenya nuu fileera.
5Allaahan ililleedhaan, Rabbii Allaahan sagaleemalakataatiin ol baʼe.6Faarfannaa galataa Allaahaf faarfadhaa;Faarfannaa galataa faarfadhaa;Faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa;Faarfannaa galataa faarfadhaa.
7Allaahan Mootii lafa hundaa ti;Faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa.8Allaahan saboota irratti Mootii dha;Allaahan teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.9Qondaaltonni sabootaa,akkuma saba Allaah Ibraahimitti walitti qabamu;mootonni lafa irraa kan Allaahatii;innis guddisee ol ol jedheera.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3