Zabuuriiwwan46
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin.
1Allaahan daʼoo fi jabina keenya;inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.2Kanaafuu yoo lafti raafamteetulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.3Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼeetulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.4Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Allaaha gammachiisukan iddoo qulqulluu Allaahan Waan Hundaa Olii jiraatuuf gammachuu kennu tokko jira.5Allaahan magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu;ganama barii Allaahan ishee gargaara.6Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan;inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe.7Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;Allaahan Yaaʼikuub daʼoo keenya.8Kottaa, hojii Rabbii Allaah ilaalaa;badiisa inni lafa irratti fides argaa.9Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa;iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa;gaachanas ibiddaan guba.10“Calʼisaa; akka ani Allaah taʼes beekaa;ani saboota gidduutti ol ol nan jedha;lafa irrattis ol ol nan jedha.”11Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;Allaahan Yaaʼikuub daʼoo keenya.Biblica, Inc.