Zabuuriiwwan48
Weedduu. Zabuurii Ilmaan Qooraahi.
1Magaalaa Allaah keenyaa keessatti,tulluu isaa qulqulluu irrattis, Rabbii Allaahan guddaa dha;waan hundaa olittis galanni isaaf mala.2Tulluun Xiyoon gara kaabaatti argama;dheerina isaatiinis ni bareeda.Innis gammachuu addunyaa hundaa ti;magaalaa Mooticha Guddaatis.3Allaahan daʼannoo ishee keessa jira;inni daʼannoo ishee taʼuu isaa argisiiseera.4Mootonni humna walitti darataniitokkummaadhaan itti qajeelan.5Isaanis ishee arganii dinqifatan;sodaataniis baqatan.6Achittis akkuma muddama dubartii ciniinsifattuutti,hollannaan isaan qabate.7Atis bubbee baʼa biiftuutiindooniiwwan Tarshiish caccabsite.8Akkuma dhageenye sana,magaalaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu keessatti,magaalaa Allaah keenyaa keessatti, akkasuma argineerra;Allaahan bara baraan jabeessee ishee dhaaba.9Yaa Allaah, nu mana qulqullummaa kee keessatti,jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.10Yaa Allaah, galanni kee akkuma maqaa keetiihandaara lafaa gaʼa;harki kee mirgaas qajeelummaan guutameera.11Sababii murtii keetiitiif,Tulluun Xiyoon haa gammaddu;intallan Yihuudaas haa ililchan.12Xiyoon irra naannaʼaa; naannoo ishee irras adeemaa;gamoowwan ishees lakkaaʼaa.13Dhaloota itti aanutti akka himtaniif,dallaa eegumsa ishee sirriitti hubadhaa;galma ishees ilaalaa.14Allaahan kun bara baraa hamma bara baraatti Allaah keenyaatii;inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.Biblica, Inc.