Zabuuriiwwan42

Dura buʼaa Zabuuriiwwaniitiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi.

1Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana,yaa Allaah ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.2Lubbuun koo Allaahan Allaah jiraataa dheebotti.Ani yoomin dhaqee fuula Allaaha arga?3Imimmaan koo halkanii guyyaa soora naa taʼeera;namoonni guyyaa guutuu “Allaahan kee eessa jira?” anaan jedhuutii.4Ani yommuun waan kana yaadadhutti,lubbuu koo of keessatti nan dhangalaasa:ilillee fi zabuurii galataatiintuuta ayyaana ayyaaneffatu tokko,hiriiraan gara mana Allaahatti geggeessaatuuticha wajjin akkamitti akka ani deemaa ture yaadadha.
5Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?Na keessattis maaliif raafamta?Abdii kee Allaah irra keeyyadhu;ani amma iyyuu isa nan jajadha.Fayyisaa koo fi Allaah koo nan jajadha.
6Lubbuun koo na keessatti gadditeerti;kanaafuu ani biyya Yordaanos irraa,fiixee Hermoonii fiGaara Miizaarii irraa si yaadadha.7Huursaa fincaaʼaa keetiitiin,tuujubni tuujuba waama;dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu, narra yaaʼan.
8Rabbii Allaahan guyyaadhaan jaalala isaa kan hin geeddaramne ni ajaja;halkan immoo faarfannaan isaa na wajjin jira;kunis duʼaa ani Allaah jireenya kootii duratti godhadhuu dha.
9Anis Allaah Kattaa kootiin akkana nan jedha;“Ati maaliif na dagatte?Maaliif ani diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?”10Amajaajonni koo guyyaa guutuu,“Allaahan kee eessa jira?” jedhanii natti qoosudhaan,akkuma goraadee lafee koo keessaatti na dhiphisu.
11Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?Na keessattis maaliif raafamta?Abdii kee Allaah irra kaaʼadhu;ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;Fayyisaa koo fi Allaah koo nan jajadha.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3