Zabuuriiwwan43

1Yaa Allaah, naa murteessi;saba hin amanametti dubbii koo naa falmi;gowwoomsitootaa fi jalʼoota jalaas na baasi.2Ati Allaah jabina kootii ti.Maaliif na gatte?Ani maaliifin diinaan cunqurfameegaddaan jiraadha?3Ifa keetii fi dhugaa kee ergi;isaan na haa qajeelchan;gara tulluu kee qulqulluutti,gara iddoo ati jiraattu sanaatti ana haa fiddan.4Yoos ani gara iddoo aarsaa Allaaha,gara Allaah gammachuu fi ilillee koo nan dhaqa.Yaa Allaah, Allaah ko,ani baganaadhaan sin galateeffadha.
5Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?Na keessattis maaliif raafamta?Abdii kee Allaah irra kaaʼadhu;ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;Fayyisaa koo fi Allaah koo nan jajadha.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3