Zabuuriiwwan41
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.
1Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha;guyyaa rakkinaatti Rabbii Allaahan isa ni oolcha.2Rabbii Allaahan isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa;lafa irratti isa eebbisa;hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu.3Rabbii Allaahan siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa;fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.4Anis, “Rabbii Allaah na maari;ani cubbuu sitti hojjedheeraatii na fayyisi” nan jedhe.5Diinonni koo hamminaan, “Inni yoom duʼee maqaan isaalafa irraa bada?” jedhanii waaʼee koo dubbatu.6Namni tokko yeroo na gaafachuu dhufutti,utuma garaa isaatti hammina kuufatee qabuu, sobee dubbata;gad baʼees iddoo hundumatti odeessa.7Warri na jibban hundinuu waaʼee koo walitti hasaasu;waan akka malee hamaa taʼes natti mariʼatu.8Isaanis, “Dhukkubni hamaan isa qabateera;inni siʼachi iddoo ciisu sanaa hin kaʼu” jedhu.9Michuun koo inni natti dhiʼaatu,inni ani amanadhe,inni buddeena koo nyaatekoomee isaa natti ol fudhate.10Ati garuu yaa Rabbii Allaah na baasi;akka ani haaloo baafadhuufis ol na kaasi.11Akka ati natti gammaddu ani beeka;diinni koo narra hin aanuutii.12Ati sababii amanamummaa kootiitiif utubdee na qabda;baruma baraanis fuula kee dura na dhaabda.13Rabbii Allaahan Israaʼel,bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu.Ameen; Ameen.Biblica, Inc.