Zabuuriiwwan40
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.
1Ani obsaan Rabbii Allaah nan eeggadhe;innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.2Inni boolla sodaachisaa keessaa,dhoqqee nama liqimsu keessaas na baase;miilla koo kattaa irra dhaabe;ejjeta koos naa jabeesse.3Innis faarfannaa haaraa,Zabuurii galataas afaan koo keessa Allaah keenyaaf kaaʼe.Namoonni baayʼeen arganii Rabbii Allaah sodaatu;isas ni amanatu.4Namni Rabbii Allaah abdatu,kan gara of tuultotaa hin ilaalle,namni warra karaa irraa jalʼataniiwaaqeffatamtoota sobaa duukaa buʼinitti hin gara galle eebbifamaa dha.5Yaa Rabbii Allaah ko,dinqiin ati hojjette baayʼee dha;waan ati nuuf yaadde,namni tokko tokkoon sitti himuu dandaʼutokko iyyuu hin jiru;yoo ani waaʼee isaanii labsee dubbadhe illee,baayʼinni isaanii hamma hin qabu.6Ati aarsaa fi kennaa hin feene;gurra koo garuu naa banteerta;aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu ati hin barbaanne.7Yeroo sana ani akkana nan jedhe; “Ani kunoo ti; ani dhufeera;waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera.8Yaa Allaah ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada;seerri kee garaa koo keessa jira.”9Ani yaaʼii guddaa keessatti qajeelummaa nan labsa;Rabbii Allaah, akkuma ati beektu,ani afaan koo hin qabadhu.10Ani qajeelummaa kee garaa koo keessa hin dhoksu;waaʼee amanamummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii nan odeessa;jaalala keetii fi dhugaa keesyaaʼii guddaa duraa hin dhoksu.11Rabbii Allaah araara kee na hin dhowwatin;jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.12Rakkinni hamma hin qabne na marseeraatii;cubbuun koos na liqimseera; arguus dadhabeera;cubbuun koo rifeensa mataa koo caalaa baayʼata;onneen koos na keessatti laafteerti.13Rabbii Allaah, na fayyisuutti gammadi;yaa Rabbii Allaah, na gargaaruudhaaf dafii kottu.14Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu,haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis.Warri badii koo hawwan hundi,qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.15Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan,qaanii isaaniitiin haa rifatan.16Warri si barbaadan hundinuu garuusitti gammadanii haa ililchan.Warri fayyisuu kee jaallatan yeroo hunda,“Rabbii Allaahan guddaa dha!” haa jedhan.17Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha;taʼus Gooftaan naaf yaada.Ati gargaarsa koo fi fayyisaa koo ti;yaa Allaah ko, hin turin.Biblica, Inc.