Zabuuriiwwan33

1Yaa qajeeltota, isin Rabbii Allaahatti gammadaa;isa jajuun tolootaaf ni mala.2Kiraaraan Rabbii Allaah galateeffadhaa;baganaa ribuu kudhan qabuun isaaf faarfadhaa.3Zabuurii haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa;sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa.
4Dubbiin Rabbii Allaah qajeelaadhaatii;inni waan hojjetu hundumaatti amanamaa dha.5Rabbii Allaahan qajeelummaa fi murtii qajeelaa jaallata;laftis jaalala isaa kan hin geeddaramneen guutamteerti.
6Shamaayʼuniiwwan dubbii Rabbii Allaahatiin hojjetaman;tuunni urjiiwwanii hundinuus hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman.7Inni bishaan galaanaa akka tuullaatti walitti qaba;bishaan tuujubaas kuusaa keessa kaaʼa.8Lafti hundi Rabbii Allaah haa sodaatu;sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.9Inni dubbateeraatii, wanni inni dubbate ni taʼe;inni ni ajaje; wanni inni ajajes ni raawwate.10Rabbii Allaahan marii sabootaa ni fashaleessa;akka karoorri namootaa hojii irra hin oolles ni godha.11Karoorri Rabbii Allaah garuu bara baraan, yaadni garaa isaasdhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.
12Sabni Rabbii Allaah isaaf taʼe,namoonni inni akka dhaala ofii isaatti filate eebbifamoo dha.13Rabbii Allaahan shamaayʼun irraa gad ni ilaala;ilmaan namootaa hundas ni arga;14inni teessoo isaa irra taaʼee,warra lafa irra jiraatan hunda gad ilaala;15inni garaa nama hundumaa uumu sun,hojii isaanii hunda ni hubata.16Mootiin baayʼina loltoota isaatiin duʼa hin oolu;jagnis guddina humna isaatiin duʼa jalaa hin baʼu.17Fardi moʼannaadhaaf abdii gatii hin qabnee dha;guddinni humna isaas nama hin oolchu.18Garuu iji Rabbii Allaah warra isa sodaatan irra,warra araara isaa abdatan irras jira;19inni lubbuu isaanii duʼa jalaa ni baasa;bara beelaas isaan ni jiraachisa.
20Lubbuun keenya abdiidhaan Rabbii Allaah eeggatti;innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.21Garaan keenya isatti ni gammadaatii;nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii.22Rabbii Allaah, akkuma nu abdii keenyasirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3