Zabuuriiwwan34

Zabuurii Daawud. Innis fuula Abiimelek duratti maraatuu of fakkeesseef Abiimelek isa ariinaan yeroo achii deemetti faarfate.

1Ani yeroo hunda Rabbii Allaah nan eebbisa;galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.2Lubbuun koo Rabbii Allaahan boonti;cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan.3Na wajjin Rabbii Allaahaf ulfina kennaa;kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.
4Rabbii Allaah nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne;sodaa koo hunda keessaas na baase.5Warri gara isaa ilaalan ni ifu;fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu.6Hiyyeessi kun ni iyye; Rabbii Allaahanis isa dhagaʼe;rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase.7Malaʼikkaan Rabbii Allaah naannoo warra Allaah sodaataniini qubata; isaan ni oolchas.
8Akka Rabbii Allaahan gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.9Isin qulqulloonni isaa Rabbii Allaah sodaadhaa;warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.10Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas;namni Rabbii Allaah barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu.
11Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa;anis Rabbii Allaah sodaachuu isinan barsiisa.12Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafisbara baayʼee hawwu eenyu?13Arraba kee waan hamaa irraa,afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.14Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu;nagaa barbaadi; duukaa buʼis.
15Iji Rabbii Allaah qajeeltota irra jira;gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha;16yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf,fuulli Rabbii Allaah warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.
17Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Rabbii Allaahanis isaan dhagaʼa.Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.18Rabbii Allaahan warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;warra abdii kutatanis ni fayyisa.
19Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha;Rabbii Allaahan garuu hunda isaa jalaa isa baasa;20lafee isaa hunda ni eega;isaan keessaas tokko illee hin cabu.
21Hamoota hamminatu ajjeesa;warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama.22Rabbii Allaahan lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura;warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3