Zabuuriiwwan32

Zabuurii Daawud. Maskiil.

1Namni yakki isaa dhiifameef,kan cubbuun isaas haguugameef,eebbifamaa dha.2Namni Rabbii Allaahan cubbuu itti hin lakkoofne,kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre,eebbifamaa dha.
3Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti,guyyaa guutuu aaduu kootiin,lafeen koo ni bosose.4Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii;jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame.5Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe;balleessaa koos si hin dhokfanne.Anis, “Irra daddarba koo, Rabbii Allaahatti nan himadha” nan jedhe;atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.
6Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu,yeroo ati itti argamtutti si duratti duʼaa haa godhatu;lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu.7Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha;rakkina irraa na eegda;faarfannaa moʼannaatiinis na marsita.
8Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas;ani ija koo jaalalaatiin sin ilaalaa; sin gorsa.9Isin akka farda yookaan gaangoohubannaa hin qabnee hin taʼinaa;isaan yoo luugamaa fi fuuloodhaan qabaman maleegara kee hin dhufan.10Dhiphinni namoota hamoo baayʼee dha;araarri Rabbii Allaah garuu nama isa amanatu ni marsa.
11Yaa qajeeltota, isin Rabbii Allaahatti gammadaa; ililchaas;warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3