Zabuuriiwwan31

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

1Rabbii Allaah, ani kooluu sitti galeera;ati gonkumaa na hin qaanessin;qajeelummaa keetiin na oolchi.2Gurra kee gara kootti qabi; dafiitii na oolchi;kattaa ani itti kooluu galu naa taʼi;na oolchuudhaafis daʼoo jabaa naa taʼi.3Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef,maqaa keetiif jedhiitii na qajeelchi; karaa irras na buusi.4Ati iddoo ani itti baqadhu waan taateef,kiyyoo diinonni koo naa kaaʼan keessaa na baasi.5Ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha;yaa Rabbii Allaah dhugaa, ati na furi.
6Ani warra waaqeffatamtoota faayidaa hin qabne abdatan nan jibba;Rabbii Allaah garuu nan amanadha.7Ani jaalala kee kan hin geeddaramne sanatti nan gammada; nan ililchas;ati dhiphina koo argiteertaatii;rakkina lubbuu kootii illee beekteerta.8Ati dabarsitee diinatti na hin kennine;miilla koos iddoo balʼaa irra dhaabdeerta.
9Rabbii Allaah, ani dhiphina keessan jiraatii na baasi;iji koo gaddaan, lubbuun koo fi dhagni koo gaddaan dadhabaniiru.10Jireenyi koo gaddaan, umuriin koo aaduudhaan dhumeera;jabinni koo sababii dhiphina kootiitiif laafeera;lafeen koos xuuxameera.11Sababii diinota koo hundaatiif,ani olloota koo biratti waan sodaachisaa,michoota koo biratti immoo waan jibbisiisaa taʼeera;warri karaa irratti na arganis na baqatu.12Ani akkuma nama duʼeetti irraanfatameera;akkuma qodaa cabaas nan taʼe.13Asaasa namoota baayʼee nan dhagaʼaatii;kallattii hundaan sodaatu jira!Isaan natti malataniilubbuu koo balleessuuf mariʼatan.
14Rabbii Allaah, ani garuu sin amanadha;“Ati Allaah koo ti” nan jedha.15Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa,warra na ariʼatan harkaas na baasi.16Fuulli kee tajaajilaa kee irratti haa ifu;jaalala kee kan hin geeddaramne sanaanis na baraari.17Rabbii Allaah, ani hin qaaneffamin;ani si waammadheeraatii;warri hamoon garuu haa qaaneffaman;calʼisaniis siiʼool keessa haa buʼan.18Afaan soba dubbatu,kan of tuulummaa fi tuffiidhaan,nama qajeelaatti kooree dubbatu haa duudu.
19Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse,kan ati fuula namootaa durattiwarra kooluu sitti galaniif kennite akkam guddaa dha!20Daʼoo fuula keetiitiin,waan namoonni isaanitti malatan jalaa isaan dhoksita;dunkaana kee keessattis dubbiin tuttuquu jalaa isaan daʼeessita.
21Rabbii Allaahan haa eebbifamu;inni yeroo ani magaalaa marfamte keessa turetti,jaalala isaa dinqisiisaa sana na argisiiseeraatii.22Ani yeroon akka malee dhiphadhetti,“Ani fuula kee duraa badeera!” jedheen ture.Ati garuu yeroo ani gargaarsaaf sitti iyyadhetti,duʼaa koo naa dhageesse.
23Qulqulloonni isaa hundinuu, Rabbii Allaah jaalladhaa!Rabbii Allaahan amanamoota ni eega;of tuultotaaf garuu akkuma hojii isaaniitti irra dabarsee deebisaaf.24Warri Rabbii Allaah abdattan hundinuu jabaadhaa;garaan keessan hin sodaatin.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3