Zabuuriiwwan25

Zabuurii Daawud.

1Rabbii Allaah, ani lubbuu koo gara keettiol nan qaba.
2Yaa Allaah koo ani sin amanadha.Ati na hin qaanessin;akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin.3Namni si eeggatu tokko iyyuuyoom iyyuu hin qaaneffamu;warri sababii malee yakka hojjetangaruu ni qaaneffamu.
4Rabbii Allaah, karaa kee na argisiisi;daandii kees na barsiisi;5ati Allaah Fayyisaa koo waan taateef,dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi;anis guyyaa guutuu sin eeggadha.6Rabbii Allaah, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu;isaan durumaa jalqabanii jiruutii.7Cubbuu afaan kootiiyookaan dogoggora koo hin yaadatin;yaa Rabbii Allaah, gaarummaa keetiif jedhiitiiakkuma araara keetiitti na yaadadhu.
8Rabbii Allaahan gaarii dha; tolaadhas;kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.9Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa;karaa isaas isaan barsiisa.10Karaan Rabbii Allaah hundinuuwarra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha.11Rabbii Allaah, cubbuun koo guddaa taʼu iyyuumaqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi.12Namni Rabbii Allaah sodaatu eenyu?Allaahan karaa inni filachuu qabu isa argisiisa.13Lubbuun isaa badhaadhummaadhaan jiraatti;sanyiin isaas lafa dhaala.14Rabbii Allaahan icciitii isaa warra isa sodaatan duraa hin dhoksu;kakuu isaa illee isaan beeksisa.15Iji koo yeroo hunda gara Rabbii Allaah ilaala;inni miilla koo kiyyoo keessaa ni baasaatii.
16Gara kootti garagali; garaas naa laafi;ani kophaa koon jiraatii; rakkataadhas.17Yaaddoon garaa kootii baayʼateera;dhiphina koo keessaas na baasi.18Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali;cubbuu koo hunda naa dhiisi.19Akka diinonni koo baayʼatan,hammam akka cimsanii na jibban argi!20Lubbuu koo eegi; na oolchis;sababii ani kooluu sitti galeef,akka ani qaanaʼu na hin godhin.21Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fiqajeelummaan ana haa eegan.
22Yaa Allaah, rakkina isaa hundumaa keessaaIsraaʼelin furi!

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3