Zabuuriiwwan26

Zabuurii Daawud.

1Rabbii Allaah, sababii ani jireenya hirʼinahin qabne jiraadheef, ati naa murteessi;anis utuu asii fi achi hin raafamin,Rabbii Allaah amanadheera.2Rabbii Allaah, qoriitii na ilaali;garaa koo fi qalbii koo qori;3jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii;anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.
4Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu,yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu;5ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba;hamoota wajjinis hin taaʼu.6Rabbii Allaah, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha;iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa.7Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha;dinqii hojii keetii hunda nan odeessa.
8Rabbii Allaah, mana ati keessa jiraattu,iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha.9Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya kooswarra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin;10warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jirukanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin.11Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha;ati na furi; araaras naa buusi.
12Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata;waldaa guddaa keessattis Rabbii Allaah nan jajadha.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3