Zabuuriiwwan24
Zabuurii Daawud.
1Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu,addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan Rabbii Allaah ti;2inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii;bishaan irras ishee dhaabeera.3Eenyutu tulluu Rabbii Allaahatti ol baʼa?Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata?4Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu,nama lubbuu isaa gara waaqeffatamaa tolfamaatti ol hin kaafneyookaan nama sobaan hin kakannee dha.5Inni Rabbii Allaah biraa eebba,Allaah Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata.6Dhaloonni kun dhaloota warra isa barbaadanii ti;kan dhaloota warra fuula Allaah Yaaʼikuub barbaadanii ti.7Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa;isinis balbalawwan durii,akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa.8Mootiin ulfinaa kun eenyu?Rabbii Allaah jabaa fi humna qabeessa,Rabbii Allaah isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha.9Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa;isinis balbalawwan durii akka mootiin ulfinaa ol galuufmataa keessan ol qabadhaa.10Mootiin ulfinaa kun eenyu?Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu sun,inni Mootii ulfinaa ti.Biblica, Inc.