Zabuuriiwwan131

Zabuurii ol baʼuu. Zabuurii Daawud.

1Rabbii Allaah, garaan koo of hin jaju;iji koos of hin tuulu;ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu.2Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras;akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana,akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste.
3Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf,Rabbii Allaah abdadhu.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3