Zabuuriiwwan130

Zabuurii ol baʼuu.

1Rabbii Allaah, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha;2yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi.Gurri kees sagalee waammata kooxiyyeeffatee haa dhagaʼu.
3Rabbii Allaah, utuu ati cubbuu lakkooftee,yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?4Garuu dhiifamni si bira jira;kanaaf ati ni sodaatamta.
5Ani Rabbii Allaah nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;dubbii isaas nan abdadha.6Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa,dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaalubbuun koo Gooftaa eeggatti.
7Yaa Israaʼel, ati Rabbii Allaah abdadhu;Rabbii Allaah bira jaalalli dhuma hin qabne,furiin guutuunis ni jiraatii.8Inni mataan isaa cubbuu isaaniihundumaa irraa Israaʼelin ni fura.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3