Zabuuriiwwan132

Zabuurii ol baʼuu.

1Rabbii Allaah, Daawudii firakkina inni obse hundumaa yaadadhu.
2Inni kakuu tokko Rabbii Allaahaf kakateeAllaah Yaaʼikuub Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:3“Ani mana koo ol hin seenu;yookaan siree kootti ol hin baʼu.4Ani ija kootiif hirriba,baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;5kunis hamma ani Rabbii Allaahaf iddoo argutti,Allaah Yaaʼikuub Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”
6Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye;Yaaʼaarittis isa arganne:7“Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa;ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.8‘Rabbii Allaah kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu;atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.9Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan;qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ”
10Sababii garbicha kee Daawudiif jedhiitii,dibamaa kee hin gatin.
11Rabbii Allaahan akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawudiif kakateera;inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu:“Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;12yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan,ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.”
13Rabbii Allaahan Xiyoonin filateeraatii;akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:14“Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti;kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.15Ani waan hundaan ishee nan eebbisa;hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.16Luboota isheetti fayyina nan uffisa;qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.
17“Ani achitti akka gaanfi tokko Daawudiif biqilu nan godha;dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.18Diinota isaatti qaanii nan uffisa;gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3