Zabuuriiwwan129

Zabuurii ol baʼuu.

1Israaʼel akkana haa jedhu;“Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;2isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;garuu na hin moʼanne.3Warri qootiisa qotan dugda koo qotan;boʼoo isaaniis ni dheeressan.4Rabbii Allaahan garuu qajeelaa dha;funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.”
5Warri Xiyoonin jibban hundinuu,qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.6Isaan akka marga bantii manaa irraakan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;7namichi haamu qabaa isaa guuttachuu,yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.8Warri achiin darban, “Eebbi Rabbii Allaah isiniif haa taʼu;maqaa Rabbii Allaahatiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3