Zabuuriiwwan128

Zabuurii Ol Baʼuu.

1Warri Rabbii Allaah sodaatan,kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.2Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta;ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.3Niitiin kee mana kee keessatti,akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati;ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti,akka lataa muka ejersaa ni taʼu.4Namni Rabbii Allaah sodaatuakkasitti eebbifama.
5Bara jireenya keetii guutuu,Rabbii Allaahan Xiyoon irraa si haa eebbisu;atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.6ijoollee ijoollee keetii ni argi;nagaan Israaʼeliif haa taʼu.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3