Zabuuriiwwan127

Zabuurii Ol baʼuu. Zabuurii Suleyimaan.

1Rabbii Allaahan mana ijaaruu baannaan,warri ijaaran akkasumaan dadhabu.Rabbii Allaahan magaalaa eeguu baannaan,warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu.2Isin buddeena dadhabbii guddaan argame nyaachuuf jettanii,barii barraaqaan kaʼuun keessan,turtanii rafuun keessan faayidaa hin qabu;inni warra jaallatuuf utuma isaan rafanii iyyuu waan isaan barbaachisu ni kennaaf.
3Kunoo, ijoolleen kennaa Rabbii Allaah ti;iji gadameessaas badhaasa isaa ti.4Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan,akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.5Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha.Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3