Zabuuriiwwan121

Zabuurii Ol baʼuu.

1Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha;gargaarsi koo eessaa dhufa?2Gargaarsi koo Rabbii Allaahshamaayʼunii fi lafa uume biraa dhufa.
3Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu;kan si eegu hin mugu;4dhugumaan inni Israaʼelin eeguhin mugu; hin rafus.
5Rabbii Allaahan si eega;Rabbii Allaahan karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;6guyyaa aduun si hin gubu;halkanis jiʼi si hin miidhu.
7Rabbii Allaahan miidhaa hunda irraa si eega;inni lubbuu kee ni eega;8Rabbii Allaahan ammaa jalqabeehamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3