Zabuuriiwwan122

Zabuurii Ol baʼuu. Zabuurii Daawud.

1Yommuu isaan, “Kottu gara mana Rabbii Allaah dhaqnaa”naan jedhanitti, ani nan gammade.2Yaa Yerusaalem,miilli keenya karrawwan kee irra dhaabata.
3Yerusaalem akka magaalaa walitti maxxanteegobbatte tokkootti ijaaramte.4Kunis iddoo gosoonni,gosoonni Rabbii Allaahan,akka sirna Israaʼeliif kenname sanaatti,maqaa Rabbii Allaah galateeffachuuf itti ol baʼanii dha.5Teessoowwan murtii,teessoowwan mana Daawud achi dhaabatu.
6Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif duʼaa godhaa:“Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan.7Dallaa kee keessa nagaan,masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu.”8Ani obboloota kootii fi michoota kootiif jedhee,“Nagaan si keessa haa jiraatu” nan jedha.9Mana Rabbii Allaah keenyaatiif jedhee,ani akka wanni gaariin siif taʼu nan hawwa.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3