Zabuuriiwwan116
1Ani Rabbii Allaah nan jaalladha;inni sagalee waammata kootii naa dhagaʼeeraatii.2Sababii inni gurra isaa gara kootti deebiseef,ani hamman lubbuun jiraadhutti isa nan waammadha.3Kiyyoon duʼaa na marse;dhiphinni Siiʼoolis na qabate;ani rakkinaa fi gaddaan nan moʼame.4Anis, “Rabbii Allaah na oolchi!” jedheemaqaa Rabbii Allaah nan waammadhe.5Rabbii Allaahan arjaa fi qajeelaa dha;Allaahan keenya gara laaffessa.6Rabbii Allaahan garraamota ni eega;yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare.7Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi;Rabbii Allaahan waan gaarii siif godheeraatii.8Ati yaa Rabbii Allaah lubbuu koo duʼa irraa,ija koo imimmaan irraa,miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef,9ani biyya warra jiraatoo keessa,fuula Rabbii Allaah dura nan jiraadha.10Ani yeroo, “Ani baayʼee dhiphadheera” jedhetti,amantii koo eeggadheera.11Ani yommuun burjaajaʼetti,“Namni hundinuu sobduu dha” nan jedhe.12Waan gaarii inni naa godhe hundaaf,ani Rabbii Allaahaf maalan deebisa?13Ani xoofoo fayyinaa ol kaaseemaqaa Rabbii Allaah nan waammadha.14Fuula saba isaa hundumaa duratti,ani wareega koo Rabbii Allaahaf nan galcha.15Duuti qulqulloota isaa,fuula Rabbii Allaah duratti ulfina qaba.16Rabbii Allaah, ani dhugumaan tajaajilaa kee ti;ani tajaajilaa kee ilma tajaajiltuu keetii ti;ati foncaa koo narraa hiikteerta.17Ani aarsaa galataa siif nan dhiʼeessa;maqaa Rabbii Allaahas nan waammadha.18Iddoo sabni isaa hundi jirutti,ani wareega koo Rabbii Allaahaf nan galcha;19yaa Yerusaalem si keessatti,oobdii mana Rabbii Allaah irrattis nan galcha.Haalleluuyaa.
Biblica, Inc.