Zabuuriiwwan115

1Nuuf miti; yaa Rabbii Allaah, nuuf miti;garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitiimaqaa keetiif ulfina kenni.
2Saboonni maaliif,“Allaahan isaanii eessa jira?” jedhu?3Allaahan keenya shamaayʼun keessa jira;inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.4Waaqeffatamtoonni isaanii tolfamoon garuu meetii fiwarqee harka namaatiin hojjetamanii dha.5Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan;ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;6gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan;7harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan;miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan;laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman.8Warri isaan tolchankanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
9Yaa mana Israaʼel, Rabbii Allaah amanadhu;inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.10Yaa mana Haaruun, Rabbii Allaah amanadhu;inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.11Isin warri isa sodaattan, Rabbii Allaah amanadhaa;inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
12Rabbii Allaahan nu yaadata; nu eebbisas;inni mana Israaʼel ni eebbisa;mana Haaruunis ni eebbisa;13inni warra Rabbii Allaah sodaatan,xinnaas guddaas ni eebbisa.
14Rabbii Allaahan, isinii fiijoollee keessan haa baayʼisu.15Rabbii Allaahan shamaayʼun filafa Uume sun isin haa eebbisu.
16Shamaayʼuniin shamaayʼuniiwwanii oliis kan Rabbii Allaah ti;lafa garuu inni namaaf kenneera.17Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼanRabbii Allaah galateeffachuu hin dandaʼan;18nu garuu ammaa jalqabnee bara baraanRabbii Allaah ni eebbifna.Haalleluuyaa.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3