Zabuuriiwwan114
1Yeroo sabni Israaʼel biyya Gibxii, manni Yaaʼikuubissaba afaan ormaa dubbatu keessaa baʼetti,2Yihuudaan mana qulqullummaa Allaaha,Israaʼel immoo bulchiinsa isaa taʼe.3Galaanni argee baqate;Yordaanosis duubatti deebiʼe;4tulluuwwan akka korbeeyyii hoolaa,gaarranis akkuma xobbaallaawwan hoolaa burraaqan.5Yaa galaana, ati maaliif baqatte?Yaa Yordaanos, atis maaliif duubatti deebite?6Yaa tulluuwwan, isin maaliif akka korbeeyyii hoolaa,yaa gaarran isinis maaliif akka xobbaallaawwan hoolaa burraaqxu?7Yaa lafa, fuula Gooftaa duratti,fuula Allaah Yaaʼikuub duratti holladhu;8inni kattaa gara harootti,kattaa jabaa immoo gara burqaa bishaaniitti geeddare.
Biblica, Inc.