Zabuuriiwwan113
1Haalleluuyaa.Yaa tajaajiltoota Rabbii Allaaha, galata galchaa;maqaa Rabbii Allaah jajadhaa.2Ammaa hamma bara baraattimaqaan Rabbii Allaah haa eebbifamu.3Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti,maqaan Rabbii Allaah haa jajamu.4Rabbii Allaahan saba hundaa ol jira;ulfinni isaas shamaayʼuniiwwanii ol.5Kan akka Rabbii Allaah keenyaisa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu?6Kan gad jedheeshamaayʼunii fi lafa ilaalu eenyu?7Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa;rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;8inni bulchitoota gidduu,bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa.9Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti,dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa.Haalleluuyaa.
Biblica, Inc.