Zabuuriiwwan11
Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.
1Ani Rabbii Allaahatti kooluu galeera.Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu:“Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi.2Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru;isaan warra toloota taʼan,dukkana keessa waraanuuf jedhanii,xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru.3Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaanmaal gochuu dandaʼa?”4Rabbii Allaahan mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira;teessoon Rabbii Allaah shamaayʼun irra jira.Inni ilmaan namootaa ni ilaala;iji isaas namoota ni qora.5Rabbii Allaahan qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora;lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.6Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fidinyii bobaʼu ni roobsa;qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha.7Rabbii Allaahan waan qajeelaa taʼeef,murtii qajeelaa jaallata;toloonnis fuula isaa ni argu.Biblica, Inc.