Zabuuriiwwan10

1Rabbii Allaah, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta?Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita?
2Namni hamaan of tuulummaa isaatiin hiyyeessa adamsa;inni maluma malatuun haa qabamu.3Namni hamaan hawwii isaatiin of jaja; ofittoo ni eebbisa;Rabbii Allaah immoo ni arrabsa.4Namni hamaan sababii of tuuluuf Allaah hin barbaadu;yaada isaa hundumaa keessas Allaahan hin jiru.5Karaan isaa yeroo hunda ni milkaaʼaaf; inni of tuula;seerri kees isa irraa fagoo dha;diinota isaa hundattis tuffiidhaan qummaada.6Innis, “Wanni na sochoosu hin jiru;rakkinnis gonkumaa na hin argatu” ofiin jedha.
7Afaan isaa abaarsaan, sobaa fi doorsisaan guutameera;dabaa fi hamminni arraba isaa jala jiru.8Inni gandoota keessatti riphee eeggata;iddoo dhokataattis warra yakka hin qabne ajjeesa.Ija isaatiinis hiyyeeyyii gaada.9Akka leenca daggala isaa keessaatti riphee eeggata.Hiyyeessa qabachuudhaaf dhokatee eeggata;hiyyeessas qabatee kiyyoo isaatiin harkifata.10Hiyyeessi sunis ni caccaba; gad of qabas;humna nama hamaa jalattis ni kufa.11Innis, “Allaah irraanfateera;fuula isaas dhokfateera; gonkumaa hin argu” ofiin jedha.
12Rabbii Allaah kaʼi! Yaa Allaah harka kee ol kaafadhu.Rakkataas hin dagatin.13Namni hamaan maaliif Allaah arrabsa?Maaliifis garaa isaatti,“Inni waan kanatti na hin gaafatu” jedha?14Yaa Allaah, ati garuu rakkinaa fi gadda warra miidhamanii ni argita;harka keetiinis gatii baasifta.Deegaan dabarsee sitti of kenna;ati ijoollee abbaa hin qabneef gargaaraa dha.15Irree nama hamaatii fi jalʼaa cabsi;hamma hamminni isaa dhumee dhabamutti,hammina isaatti isa gaafadhu.
16Rabbii Allaahan bara baraa hamma bara baraatti Mootii dha;ormoonni lafa isaa irraa ni barbadaaʼu.17Rabbii Allaah, ati hawwii rakkattootaa ni dhageessa;isaan jajjabeessita; iyya isaanii illee ni dhaggeeffatta;18kunis akka namni biyyoo irraa uumame siʼachi isaan hin cunqursineefati ijoollee abbaa hin qabnee ficunqurfamtootaaf akka dhaabattuuf.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3