Zabuuriiwwan12

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.

1Rabbii Allaah, namni Allaah sodaatu hin jiruutii ati na gargaar;ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii.2Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata;isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu.
3Rabbii Allaahan afaan nama saadu hunda,arraba of tuulu hundas haa kukkutu;4isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona;hidhiin keenyas keenyuma;eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu.
5Rabbii Allaahan, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif,sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa.Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha.6Dubbiin Rabbii Allaah hirʼina hin qabu;innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfameeyeroo torba qulqulleeffamee ti.
7Rabbii Allaah ati nu eegda;dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.8Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamuttihamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3