Zakariyaa11

1Yaa Libaanoon, akka ibiddi birbirsa kee gubee fixuufbalbala kee banadhu!2Yaa muka gaattiraa, birbirsi kufeeraatii wawwaadhu;mukkeen ulfina qaban badaniiru!Yaa qilxuu Baashaan wawwaadhu;bosonni gobbuun ciramee dhumeera!3Wawwaannaa tiksootaa dhaggeeffadhaa;lafti tika isaanii inni gabbataan barbadaaʼeeraatii!Aaduu leencaa dhagaʼaa;bosonni Yordaanos gobbuun sun barbadaaʼeeraatii!

Tiksitoota Lama

4Rabbii Allaahan koo akkana jedha: “Bushaayee qalmaaf qopheeffaman tiksi.5Warri isaan bitatan, qalatanii utuu hin adabamin hafu. Warri gurguratanis, ‘Rabbii Allaah galanni haa gaʼu; ani sooressa!’ jedhu. Tiksoonni isaanii garaa isaaniif hin laafan.6Ani siʼachi uummata biyyattiitiif garaa hin laafuutii” jedha Rabbii Allaahan. “Ani nama hunda dabarsee ollaa isaatii fi mootii isaatti nan kenna. Isaan biyyattii ni rukutu; anis harka isaaniitii isaan hin baasu.”
7Kanaafuu ani bushaayee qalmaaf qopheeffaman, keessumattuu kanneen bushaayee cunqurfaman nan tikfadhe. Ergasii ani ulee lama fudhadhee isa tokkoon Surraa isa kaaniin immoo Tokkummaa jedheen moggaase; akkasiinis bushaayee nan tikfadhe.8Ani jiʼuma tokko keessatti tiksoota sadan nan balleesse.
Lubbuun koo isaan balfite; lubbuun isaaniis na balfite;
9akkanas jedheen; “Ani tiksee keessan hin taʼu. Kan duʼu haa duʼu; kan badus haa badu. Kanneen hafanis foon walii haa nyaatan.”
10Ergasii ani kakuu saboota hunda wajjin gale cabsuudhaaf ulee koo kan Surraa jedhamu fuudhee nan cabse.11Innis guyyuma sana cabe; kanaafuu bushaayeen dhiphatan kanneen na ilaalaa turan akka wanni kun dubbii Rabbii Allaah taʼe beekan.
12Anis, “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaate, gatii koo naaf kennaa; yoo taʼuu baate immoo dhiisaa” nan jedheen. Kanaafuu isaan meetii soddoma naaf kennan.
13Rabbii Allaahanis gatii gaarii isaan itti na shallagan sana, “Mankuusa keessa buusi!” naan jedhe. Kanaafuu ani meetii soddomman sana fuudhee mana Rabbii Allaah keessatti mankuusa keessa nan buuse.
14Ergasii ani obbolummaa Yihuudaatii fi Israaʼel diiguudhaaf ulee koo lammaffaa kan Tokkummaa jedhamu sana nan cabse.
15Kana irratti Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; “Ammas miʼa tiksee gowwaa sanaa fuudhi.16Ani kunoo biyyattii keessatti tiksee hoolota nan kaasa; innis isa bade hin yaadatu; isa joore hin barbaadu; isa cabe hin walʼaanu; isa fayye hin sooru; garuu foon coomaa ni nyaata; kottee isaaniis ni caccabsa.17“Tiksee faayidaa hin qabnekan bushaayee gatee deemuuf wayyoo!Goraadeen irree isaatii fi ija isaa mirgaa haa dhaʼu!Irreen isaa guutumaan guutuutti haa goggogu;iji isaa mirgaa guutumaan guutuutti haa jaamu!”

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3