Zakariyaa10

Rabbii Allaahan Yihuudaa ni Kunuunsa

1Yeroo bokkaa isa booddeetti akka inni bokkaa isiniif kennuuf Rabbii Allaah kadhadhaa;bakakkaa kan ergu Rabbii Allaah dha.Inni bokkaa lolaʼu nama hundaaf,biqiltuu dirree immoo tokkoo tokkoo namaatiif ni kenna.2Waaqeffatamtoonni tolfamoon gowwoomsaa dubbatu;nabiiʼiyyoonni mulʼata sobaa argu;isaan abjuu sobaa namatti himu;waan faayidaa hin qabneen nama jajjabeessu.Kanaafuu sabni kun akkuma hoolaa tiksee hin qabneehacuucamee asii fi achi joora.
3“Aariin koo tiksootatti bobaʼeera;ani reʼoota nan adaba;Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼubushaayee isaa, mana Yihuudaa ni toʼata;lola keessattis akka farda jabaa isaan taasisa.4Yihuudaa keessaa dhagaan golee,isa keessaa qofoon dunkaanaa,isa keessaa iddaan lolaa,isa keessaa bulchaan hundi ni dhufa.5Isaan akkuma namoota jajjaboowaraana keessatti tokkummaadhaan daandii dhoqqee irra deemu.Sababii Rabbii Allaahan isaan wajjin jiruufisaan lolanii abbootii fardeenii qaanessu.
6“Ani mana Yihuudaa nan jajjabeessa;mana Yuusufis nan oolcha.Ani waanan garaa isaaniif laafuufdeebisee isaan nan dhaaba.Isaan akkuma waan ani duraanuuisaan hin gatinii taʼu;ani Rabbii Allaah isaanii ti;deebiis isaaniif nan kenna.7Efreemonni akkuma namoota jajjaboo taʼu;garaan isaaniis akkuma nama daadhii wayiniitiin gammaduu ni gammada.Ijoolleen isaanii waan kana arganii ni gammadu;garaan isaanii Rabbii Allaahatti ni gammada.8Ani siiqseewalitti isaan nan qaba.Ani dhugumaan isaan nan fura;isaan akkuma duraa sana ni baayʼatu.9Yoo ani saboota gidduuttiisaan bittinneesse iyyuu isaan biyya fagootti na yaadatu.Isaanii fi ijoolleen isaanii lubbuudhaan ni jiraatu;ni deebiʼus.10Ani biyya Gibxiitii deebisee isaan nan fida;Asoor keessaas walittin isaan qaba.Ani gara Giliʼaadii fi Libaanoonitti isaan nan fida;iddoon isaan gaʼus hin argamu.11Inni galaana rakkinaa keessa darba;dhaʼaa galaanaas ni rukuta;tuujubawwan Abbayyaa hundinuu ni gogu.Of tuulummaan Asoor gad deebiʼa;bokkuun mootummaa Gibxis ni bada.12Ani Rabbii Allaahan isaan nan jabeessa;isaanis maqaa isaatiin deddeebiʼu”jedha Rabbii Allaahan.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3