Lewwota7
Aarsaa Yakkaa
1“ ‘Seerri aarsaa yakkaa kan waan hunda caalaa qulqulluu taʼe sanaa kana:2Aarsaan yakkaa iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti haa qalamu; dhiigni isaa immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaafamuu qaba.3Moorri isaa hundinuus aarsaa taʼee dhiʼeeffamuu qaba; kunis duboo fi moora miʼa garaa haguugu,4kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggiin tiruu kan kaleewwan wajjin baʼu wal faana haa dhiʼaatu.5Lubichis aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼaatu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kun aarsaa yakkaa ti.6Dhiirri gosa lubootaa taʼe kam iyyuu foon kana nyaachuu dandaʼa; kun garuu iddoo qulqulluutti nyaatamuu qaba; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha.7“ ‘Seerri aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa ittiin dhiʼeeffamu tokkuma; aarsaawwan kunneenis kan luba ittiin araara buusuu taʼu.8Lubni namaaf jedhee aarsaa gubamu dhiʼeessu tokko gogaa aarsaa gubamu sanaa ofii isaatiif haa fudhatu.9Kennaan midhaanii kan barbadaa ibiddaa irratti yookaan eelee irratti yookaan beddee irratti bilchaate kam iyyuu luba isa dhiʼeessuuf haa kennamu;10kennaan midhaanii kam iyyuu jechuunis kan zayitiin itti makame yookaan goggogaan ilmaan Haaruun hundaaf wal qixxee haa kennamu.Aarsaa Nagaa
11“ ‘Seerri aarsaa nagaa kan namni tokko ittiin Rabbii Allaahaf dhiʼeessuu qabu kana.12“ ‘Inni yoo galataa galchuuf aarsaa dhiʼeeffate, aarsaa galataa kana wajjin maxinoo zayitiin itti makame, bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibamee fi maxinoo daakuu bullaaʼaa kan akka gaarii sukkuumamee zayitiin itti makame haa dhiʼeessu.13Aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffatu wajjinis kennaa maxinoo raacitii qabu haa dhiʼeessu.14Aarsaa hunda keessaa tokko tokko fuudhee akka kennaa Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu tokkootti haa fidu; kunis luba dhiiga aarsaa nagaa facaasu sanaaf haa kennamu.15Foon aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffamu gaafuma dhiʼaate sana nyaatamee dhumuu qaba; wanni tokko iyyuu isa irraa hafee buluu hin qabu.16“ ‘Yoo aarsaan isaa wareega guuttachuuf yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu taʼe, aarsaan sun guyyuma inni dhiʼeesse nyaatamuu qaba; kan hafe garuu guyyaa itti aanu nyaatamuu dandaʼa.17Foon aarsaa sana irraa hamma guyyaa sadaffaatti hafe gubamuu qaba.18Foon aarsaa nagaa sana irraa yoo wanni tokko iyyuu guyyaa sadaffaatti nyaatame aarsaan sun hin fudhatamu. Kun sababii xuraaʼaa taʼeef nama dhiʼeesse sanaaf fudhatama hin qabaatu. Namni foon sana irraa nyaatu itti gaafatama.19“ ‘Foon waan akka seeraatti xuraaʼaa taʼe kam iyyuu tuqe hin nyaatamin; foon sun gubamuu qaba. Foon kaan garuu namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu nyaachuu dandaʼa.20Garuu namni xuraaʼaan yoo foon aarsaa nagaa kan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffame nyaate, inni saba ofii keessaa haa balleeffamu.21Namni yoo waan xuraaʼaa jechuunis xuraaʼummaa namaa yookaan horii xuraaʼaa yookaan waan xuraaʼaa kam iyyuu, waan jibbisiisaa tuqee ergasii immoo foon aarsaa nagaa kan Rabbii Allaahaf dhiʼaate keessaa nyaate namni sun saba ofii keessaa haa balleeffamu.’ ”Moorrii fi Dhiigni Hin Sooratamu
22Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe;23“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Moora loonii yookaan kan hoolaa yookaan kan reʼee kamii iyyuu hin nyaatinaa.24Coomni horii duʼee argamee yookaan bineensi ajjeesee waan biraaf haa oolu; isin garuu isa nyaachuu hin qabdan.25Namni horii ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffame irraa cooma isaa nyaate kam iyyuu saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.26Isin lafa jiraattan hundatti dhiiga simbirroo yookaan horii gosa kamii iyyuu hin nyaatinaa.27Namni kam iyyuu yoo dhiiga nyaate saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.’ ”Qooda Lubootaa
28Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe;29“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni aarsaa nagaa Rabbii Allaahaf dhiʼeessu kanuma irraa fuudhee aarsaa ofii isaa Rabbii Allaahaf haa dhiʼeessu.30Aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamus harkuma isaatiin haa fidu; cooma sana handaraafa wajjin haa fidu; handaraafas aarsaa sochoofame godhee fuula Rabbii Allaah duratti haa sochoosu.31Lubichi cooma sana iddoo aarsaa irratti haa gubu. Handaraafni isaa garuu Haaruunii fi ilmaan isaatiif haa kennamu.32Tafa mirgaa kan aarsaa nagaa keessanii kennaa godhaatii lubaaf kennaa.33Ilmi Haaruun kan dhiigaa fi cooma aarsaa nagaa dhiʼeessu sun tafa mirgaa qooda ofii isaa godhee haa fudhatu.34Ani aarsaa nagaa kan Israaʼelootaa irraa handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼaate sana fudhadheera; kanas akka qooda isaan bara baraan Israaʼeloota irraa argataniitti Haaruun lubichaa fi ilmaan isaatii kenneera.’ ”35Gaafa isaan lubummaadhaan Rabbii Allaah tajaajiluuf dhiʼaatanitti aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼaate irraa qoodni Haaruunii fi ilmaan isaatiif ramadame kana.36Guyyaa isaan dibamanitti, akka Israaʼeloonni qooda isaanii godhanii bara baraan dhaloota dhufutti waan kana isaanii kennan Rabbii Allaahan ajajeera.37Egaa seerri dhiʼeessuu aarsaa gubamuu, kennaa midhaanii, aarsaa cubbuu, aarsaa yakkaa, seerri dibamuu lubummaatii fi aarsaa nagaa kanaa dha;38kunis ajaja Rabbii Allaahan gaafa akka Israaʼeloonni Gammoojjii Siinaatti kennaa isaanii Rabbii Allaahaf dhiʼeessan Gaara Siinaa irratti Muusaadhaaf kennee dha.Biblica, Inc.