Lewwota8
Muudamuu Haaruuniitii fi Ilmaan Isaa
1Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe;2“Haaruunii fi ilmaan isaa, uffata isaanii, zayitii ittiin diban, dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamu, korbeeyyii hoolaa lamaa fi gundoo maxinoo baatu fidi;3waldaa hundas balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabi.”4Muusaanis akkuma Rabbii Allaahan isa ajaje sana godhe; waldaan hundis balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabame.5Muusaanis waldaa sanaan, “Wanni Rabbii Allaahan akka hojjetamu ajaje kana” jedhe.6Ergasiis Muusaan Haaruunii fi ilmaan isaa gara fuula duraatti fidee bishaaniin isaan dhiqe.7Innis Haaruunitti kittaa uffisee sabbataan hidheef; wandaboos itti uffisee isa irratti dirata dabaleef; dirata sanas sabbata ogummaadhaan hojjetameen hidheef.8Kiisii qomaa itti kaaʼee kiisii sana keessa immoo Uriimii fi Tumiimii kaaʼe.9Muusaanis akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti mataa Haaruunitti marata mare; marata sana irrattis karaa fuula duraatiin faaya warqee kan gonfoo qulqulluu tolche.10Ergasii Muusaan zayitii ittiin diban fuudhee dunkaana qulqulluu fi waan achi keessa jiru hunda dibee qulqulleesse.11Zayitii sana irraas fuudhee iddoo aarsaa irratti yeroo torba facaase; akka isaan qulqulleessuufis iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda akkasumas gabatee itti dhiqatan miilla isaa wajjin zayitii dibe.12Zayitii ittiin diban irraas fuudhee mataa Haaruun irratti dhangalaase; isa qulqulleessuufis isa dibe.13Muusaanis akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti ilmaan Haaruun gara fuula duraatti baasee kittaa itti uffise; sabbata hidheefii gonfoo mataa isaaniitti kaaʼe.14Ergasii immoo aarsaa cubbuutiif dibicha dhiʼeesse; Haaruunii fi ilmaan isaas mataa dibicha sanaa irra harka isaanii kaaʼan.15Muusaanis dibicha sana qalee dhiiga fuudhee iddoo aarsaa qulqulleessuuf quba isaatiin gaanfa iddoo aarsaa hunda dibe; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti gad naqe. Araara isaaf buusuufis iddoo aarsaa sana qulqulleesse.16Akkasumas moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii fuudhee iddoo aarsaa irratti gube.17Dibicha sana, gogaa isaa, foon isaatii fi cumaa isaa garuu akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti qubata keessaa gad baasee gube.18Ergasii immoo aarsaa gubamuuf korbeessa hoolaa dhiʼeesse; Haaruunii fi ilmaan isaas mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan.19Muusaan immoo korbeessa hoolaa sana qalee dhiiga isaa iddoo aarsaatti gama hundaan facaase.20Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutee mataa, buʼaa fi cooma isaa gube.21Innis miʼa garaatii fi luka bishaaniin dhiqee korbeessa hoolaa sana guutuu iddoo aarsaa irratti gube. Kunis aarsaa gubamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajajetti Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamee dha.22Innis ergasii korbeessa hoolaa kaan jechuunis hoolaa ittiin muudan sana dhiʼeesse; Haaruunii fi ilmaan isaa immoo mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan.23Muusaanis hoolaa sana qalee dhiiga isaa irraa fuudhee fiixee gurra Haaruun mirgaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa dibe.24Ilmaan Haaruunis gara fuula duraatti baasee dhiiga fuudhee fiixee gurra isaanii mirgaa, quba abbuudduu harka isaanii mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaanii mirgaa ittiin tuqe. Ergasiis dhiiga sana iddoo aarsaatti gama hundaan facaase.25Innis cooma, duboo, moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii, tafa mirgaa fuudhe.26Ergasiis gundoo maxinoo baatu kan fuula Rabbii Allaah dura ture sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhe; waan kanas cooma sanaa fi tafa mirgaa irra kaaʼe.27Innis wantoota kanneen hunda harka Haaruunii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼee aarsaa sochoofamu godhee fuula Rabbii Allaah duratti sochoose.28Muusaanis wantoota kanneen harka isaaniitii fuudhee aarsaa ittiin luba taʼan kan ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa godhee iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu gubbaatti gube.29Muusaanis handaraafa fuudhee aarsaa sochoofamu godhee fuula Rabbii Allaah duratti sochoose; kunis akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti qooda Muusaan korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan irraa argatuu dha.30Ergasiis Muusaan zayitii ittiin dibanii fi dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa fuudhee Haaruunii fi uffata isaatti, ilmaan isaattii fi uffata isaaniitti facaase; akkasiinis Haaruunii fi uffata isaa, ilmaan isaatii fi uffata isaanii qulqulleesse.31Muusaanis Haaruunii fi ilmaan isaatiin akkana jedhe; “Foon sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti affeellaa; akkuma ani ‘Haaruunii fi ilmaan isaa haa nyaatan’ jedhee ajajetti foon sana buddeena gundoo aarsaan ittiin luboota taʼan keessa kaaʼamu sana keessa jiru wajjin achumatti nyaadhaa.32Foonii fi buddeena hafu immoo ibiddaan gubaa.33Sababii luba taʼuun keessan bultii torba fudhatuuf hamma yeroon luba taʼuu keessanii raawwatutti bultii torba balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa.34Waan harʼa hojjetame kana Rabbii Allaahatu araara isinii buusuuf akka hojjetamu ajaje.35Isin akka hin duuneef bultii torba halkanii fi guyyaa balbala dunkaana wal gaʼii dura turaatii waan Rabbii Allaahan isin irraa barbaadu hojjedhaa; wanni ani ajajame kanaatii.”36Haaruunii fi ilmaan isaa waan Rabbii Allaahan karaa Muusaatiin ajaje hunda hojjetan.Biblica, Inc.