Baʼuu6
1Rabbii Allaahanis Muusaadhaan, “Amma waan ani Faraʼoon irratti hojjedhu ati ni argita: Sababii irree koo jabaa sanaatiif mootichi gad isaan dhiisa; sababii irree koo jabaa sanaatiifis mootichi biyya isaa keessaa isaan ariʼa” jedhe.2Allaahan ammas Muusaadhaan akkana jedhe; “Ani Rabbii Allaah.3Ani akka Allaah Waan Hunda Dandaʼuuttan Ibraahimitti, Yisihaaqittii fi Yaaʼikuubitti mulʼadhe; garuu maqaa koo Rabbii Allaah isaanitti of hin beeksifne.4Akkasumas ani biyya Kanaʼaan lafa isaan akka alagaatti keessa jiraattan sana isaanii kennuuf jedhee isaan wajjin kakuu galeera.5Kana irrattis, ani aaduu saba Israaʼel kanneen warra Gibxiin garboomfaman sanaa dhagaʼee kakuu koo yaadadheera.6“Kanaafuu saba Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Ani Rabbii Allaah; waanjoo warra Gibxi jalaa isin nan baasa; ani garbummaa isaanii jalaa isin nan baasa; irree diriiraa fi murtii jabaadhaanis isin nan fura.7Ani akka saba ofii kootti isin fudhadha; Allaah keessan nan taʼa. Yeroo sana isin akka ani Rabbii Allaah keessan kan waanjoo warra Gibxi jalaa isin baase taʼe ni beektu.8Ani biyya isan Ibraahimiif, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubiif kennuuf harka koo ol qabadhee kakadhe sanatti isin nan galcha. Dhaala godhees isiniif kenna. Ani Rabbii Allaah.’ ”9Muusaanis waan kana saba Israaʼelitti hime; isaan garuu waan abdii kutatanii fi garbummaa hamaa keessa turaniif isa hin dhageenye.10Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe;11“Dhaqiitii akka inni biyya isaa keessaa Israaʼeloota gad lakkisuuf Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.”12Muusaan garuu Rabbii Allaahan, “Kunoo Israaʼeloonni na hin dhageenye; yoos Faraʼoon akkamitti na dhagaʼa ree? Afaan koo qajeelchee hin dubbatatuutii” jedhe.
Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: Henook, Faluus, Hezroonii fi Karmii. Warri kunneen gosoota Ruubeen.15Ilmaan Simiʼoon: Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zoohar, Shaawul ilma dubartittii Kanaʼaan. Isaan kunneen maatiiwwan Simiʼoon.16Maqaan ilmaan Lewwiis akkuma dhaloota isaaniitti kanaa dha: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii. Lewwiin waggaa 137 jiraate.17Ilmaan Geershoon akkuma maatii isaaniitti: Loobeenii fi Shimeʼii.18Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel. Qohaati waggaa 133 jiraate.19Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Isaan kunneenis akkuma dhaloota isaaniitti maatiiwwan Lewwii ti.20Amraam obboleettii abbaa isaa Yookebeedin fuudhe; isheenis Haaruunii fi Muusaa deesseef. (Amraam waggaa 137 jiraate.)21Ilmaan Yizihaar: Qooraahi, Naafegii fi Zikrii.22Ilmaan Uziiʼeel: Miishaaʼeel, Elzaafaanii fi Sitrii.23Haaruun intala Amiinaadaab obboleettii Nahishoon Eliishebaa fuudhe; isheenis Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin deesseef.24Ilmaan Qooraahi: Asiir, Elqaanaa fi Abiiʼaasaaf. Isaan kunneenis maatiiwwan Qooraahii ti.25Eleʼaazaar ilmi Haaruun intallan Fuutiʼeel keessaa tokko fuudhe; isheenis Fiinehaasin deesseef.
Isaan kunneenis akkuma maatiiwwan isaaniitti hangafoota balbala Lewwii ti.26Haaruunii fi Muusaan warri Rabbii Allaahan, “Isin akkuma kutaa kutaa isaaniitti Gibxi keessaa Israaʼeloota baasaa” jedheen sun isaanuma kana.27Isaanis warra waaʼee Gibxi keessaa Israaʼeloota baasuu Faraʼoon mooticha Gibxitti dubbatan sanaa dha. Muusaa fi Haaruun isaanuma kana.
Hidda Dhaloota Muusaa fi Haaruun
13Rabbii Allaahan garuu waaʼee Israaʼelootaatii fi waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi Muusaa fi Haaruunitti dubbatee akka isaan saba Israaʼel Gibxii baasan isaan ajaje.14Hangafoonni balbalawwan isaanii kanneenii dha:Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: Henook, Faluus, Hezroonii fi Karmii. Warri kunneen gosoota Ruubeen.15Ilmaan Simiʼoon: Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zoohar, Shaawul ilma dubartittii Kanaʼaan. Isaan kunneen maatiiwwan Simiʼoon.16Maqaan ilmaan Lewwiis akkuma dhaloota isaaniitti kanaa dha: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii. Lewwiin waggaa 137 jiraate.17Ilmaan Geershoon akkuma maatii isaaniitti: Loobeenii fi Shimeʼii.18Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel. Qohaati waggaa 133 jiraate.19Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Isaan kunneenis akkuma dhaloota isaaniitti maatiiwwan Lewwii ti.20Amraam obboleettii abbaa isaa Yookebeedin fuudhe; isheenis Haaruunii fi Muusaa deesseef. (Amraam waggaa 137 jiraate.)21Ilmaan Yizihaar: Qooraahi, Naafegii fi Zikrii.22Ilmaan Uziiʼeel: Miishaaʼeel, Elzaafaanii fi Sitrii.23Haaruun intala Amiinaadaab obboleettii Nahishoon Eliishebaa fuudhe; isheenis Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin deesseef.24Ilmaan Qooraahi: Asiir, Elqaanaa fi Abiiʼaasaaf. Isaan kunneenis maatiiwwan Qooraahii ti.25Eleʼaazaar ilmi Haaruun intallan Fuutiʼeel keessaa tokko fuudhe; isheenis Fiinehaasin deesseef.
Isaan kunneenis akkuma maatiiwwan isaaniitti hangafoota balbala Lewwii ti.26Haaruunii fi Muusaan warri Rabbii Allaahan, “Isin akkuma kutaa kutaa isaaniitti Gibxi keessaa Israaʼeloota baasaa” jedheen sun isaanuma kana.27Isaanis warra waaʼee Gibxi keessaa Israaʼeloota baasuu Faraʼoon mooticha Gibxitti dubbatan sanaa dha. Muusaa fi Haaruun isaanuma kana.
Haaruun Qooda Muusaa Dubbachuu Isaa
28Rabbii Allaahan yeroo Gibxi keessatti Muusaatti dubbate sana29akkana jedheen; “Ani Rabbii Allaah dha. Waan ani sitti himu hunda Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.”30Muusaan garuu Rabbii Allaahan, “Kunoo, ani waan afaan koo qajeelchee dubbachuu hin dandeenyeef Faraʼoon akkamiin na dhagaʼa?” jedhe.Biblica, Inc.