Baʼuu7

1Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; “Ilaa, ani Faraʼooniif waaqeffatamaa tolfamaa si godheera; obboleessi kee Haaruun immoo nabiiʼiyyii siif taʼa.2Ati waan ani si ajaju hunda ni dubbata; obboleessi kee Haaruun immoo akka inni Israaʼeloota biyya isaa keessaa gad dhiisu Faraʼoonitti ni hima.3Ani garuu Faraʼoonin mata jabeessa nan godha; yoo ani biyya Gibxi keessatti mallattoowwanii fi dinqiiwwan koo baayʼise iyyuu,4inni isin hin dhaggeeffatu. Ani harka koo Gibxi irratti ol nan kaasa; murtii jabaadhaanis raayyaa koo, saba Israaʼel biyya Gibxi keessaa nan baasa.5Warri Gibxi yommuu ani harka koo Gibxi irratti ol kaafadhee saba Israaʼel achi keessaa baasutti akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.”
6Muusaa fi Haaruunis akkuma Rabbii Allaahan isaan ajaje godhan.7Yeroo Faraʼoonitti dubbatanitti Muusaan nama waggaa saddeettama ture; Haaruun immoo nama waggaa saddeettamii sadii ture.

Uleen Haaruun bofa taʼe

8Rabbii Allaahanis Muusaa fi Haaruuniin akkana jedhe;9“Yommuu Faraʼoon, ‘Dinqii hojjedhaa’ isiniin jedhutti, ati immoo Haaruuniin, ‘Ulee kee fuudhiitii fuula Faraʼoon duratti lafa buusi’ jetta; uleen sunis bofa taʼa.”
10Muusaa fi Haaruun Faraʼoon bira dhaqanii akkuma Rabbii Allaahan isaan ajaje sana godhan. Haaruun fuula Faraʼoonii fi qondaaltota isaa duratti ulee isaa lafa buuse; uleen sunis bofa taate.11Faraʼoonis beektotaa fi falfaltoota ofitti waame; tolfattoonni Gibxi ogummaa isaanii dhokataa sanaan akkasuma godhan.12Tokkoon tokkoon isaanii ulee isaanii lafa buusan; uleen isaaniis bofa taʼe. Uleen Haaruun garuu ulee isaanii liqimsite.13Taʼus Faraʼoon akkuma Rabbii Allaahan dubbate sana mata jabeessa taʼee isaan dhaggeeffachuu dide.

Dhaʼicha Dhiigaa

14Kana irratti Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; “Faraʼoon mata jabeessa taʼeera; saba sanas gad dhiisuu dide.15Ganamaan gara Faraʼoon dhaqi; kunoo inni bishaanitti gad baʼa. Ulee bofatti geeddaramte sana harkatti qabadhuutii qarqara laga Abbayyaatti isa eegi.16Akkanas jedhiin; ‘Rabbii Allaahan Ibrootaa akkana jedhee sitti na ergeera: Akka sabni koo dhaqee gammoojjii keessatti naaf sagaduuf gad lakkisi. Ati garuu hamma ammaatti ajajamuu diddeerta.17Rabbii Allaahan akkana jedha: Akka ani Rabbii Allaah taʼe ati kanaan beekta: Kunoo ani ulee harka koo keessa jiru kanaan bishaan Abbayyaa nan dhaʼa; bishaan sunis dhiigatti geeddarama.18Qurxummiiwwan laga Abbayyaa keessaa ni duʼu; lagni sunis ni ajaaʼa; warri Gibxis bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼan.’ ”
19Rabbii Allaahan immoo Muusaadhaan akkana jedhe; “Haaruuniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii bishaanota Gibxi irratti, lageen isaanii irratti, doloolloo isaanii irratti, haroo isaaniitii fi kuusaa bishaanii hunda irratti harka kee diriirsi.’ Isaanis dhiigatti geeddaramu. Gibxi guutuun dhiigaan guutama; qodaan mukaatii fi okkoteen dhagaa dhiigaan guutaman.”
20Muusaa fi Haaruun akkuma Rabbii Allaahan isaan ajaje sana godhan. Haaruun ulee isaa ol fuudhee fuula Faraʼooniitii fi qondaaltota isaa duratti bishaan Abbayyaa dhaʼe; bishaan sun hundis dhiigatti geeddarame.21Qurxummiiwwan Abbayyaa duunaan lagichi ajaaʼe; warri Gibxis bishaan isaa dhuguu hin dandeenye. Gibxi guutuunis dhiigaan guutame.
22Garuu tolfattoonni Gibxi tolcha isaaniitiin akkasuma hojjetan; Faraʼoonis mata jabeessa taʼe. Innis akkuma Rabbii Allaahan jedhe sana Muusaa fi Haaruun dhagaʼuu dide.23Faraʼoonis deebiʼee masaraa isaa seene; innis waan kana yaadatti illee hin qabanne.24Warri Gibxi hundi waan bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼiniif bishaan dhugaatii baafachuuf jedhanii qarqara Abbayyaa qotatan.

Dhaʼicha Fattee

25Erga Rabbii Allaahan Abbayyaan dhaʼee guyyaan torba darbe.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3