Zabuuriiwwan62

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Zabuurii Daawud.

1Lubbuun koo Allaah qofa eeggatti;fayyinni koos isa biraa naa dhufa.2Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu.
3Isin hamma yoomiitti nama miitu?Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti,akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu?4Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa,guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu;isaan sobatti ni gammadu.Afaan isaaniitiin ni eebbisu;garaa isaaniitiin garuu ni abaaru.
5Lubbuun koo Allaah qofa obsaan eeggatti;abdiin koo isa biraa dhufaatii.6Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.7Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Allaaha keessa jira;kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Allaaha.8Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa;garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa;Allaahan iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.
9Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti;gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma;yoo madaaliidhaan madaalamanlachanuu qilleensa caalaa salphatu.10Waan saamichaan argattan hin amanatinaa;waan hatameenis hin koorinaa.Yoo qabeenyi keessan guddate illee,qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa.
11Allaahan yeroo tokko dubbate;ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe;kunis akka humni kan Allaaha taʼee dha.12Yaa Gooftaa araarri kan kee ti.Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaaakkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3